Baga Nagaan Dhufte

NaDubbisii OpenOffice.org 3.2

Haromsoota barfidoo nadubbisii kanaatiif, saphaphuu armaan gadii ilaali http://www.openoffice.org/welcome/readme.html

Kabajamaa Fayyadamaa

Faayiliin kun odeeffannoo barbaachisaa waa'ee sagantaa kanaa ofkeessaa qaba. Hojii jalqabuun dura odeeffannoo kana sirriitti dubbisi.

Hawaasni OpenOffice.org, itti gaafatamaan dagaagsa oomisha kanaa, akka miseensa hawaasichaatti akka hirmaattu si affeera. Akka fayyadamaa haaraatti, odeeffannoo fayyadamaa faayidaa qabeessa ta'e saphaphuu OpenOffice.org armaan gadii irratti argachuu ni dandeessa

http://www.openoffice.org/about_us/introduction.html

Akkasumas kutaalee armaan gadii waa'ee piroojektii OpenOffice.org irratti hirmaachuu dubbisi.

OpenOffice.org dhuguma fayyadamaa kamiifiyyuu bilisaa?

OpenOffice.org fayyadamaa kamiifiyyuu bilisa. Garagalcha OpenOffice.org kana fudhattee kompiyuutara hamma barbaaddeerratti ijaaruu, fi faayidaa barbaadde kamiifuu (kunis fayyadama Mootummaa, daldala, barumsaa fi dhuunfaa dabalata) fayyadamuu ni dandeessa. Odeeffannoo dabalataaf barruu hayyamtaa OpenOffice.org waliin laatame ykn saphaphuu itti aanu ilaali. http://www.openoffice.org/license.html

OpenOffice.org maaliif fayyadamaa kamiifiyyuu bilisa ta'e?

Garagalcha OpenOffice.org kana har'a gatii malee kan fayyadamuu dandeesse gumaattoonni dhuunfaa fi ispoonsaroonni xindoo OpenOffice.org waan amma tahe kana - mosajjii ofiisii madda-banaa addunyaa irratti dursaa jiru akka tahu waan saxaxani, dagaagsani, yaalani, hiikani, galmeessani, deeggarani, gabaarra oolchanii fi karaa hedduudhaan gargaaraniifi.Tattaaffii isaanii yoo dinqisiifatte, fi OpenOffice.org fuulduratti akka itti fufu kan barbaaddu yoo tahe, mee piroojekticharratti hirmaachuu hubadhu - saphaphuu kana http://contributing.openoffice.orgbadhintaaf ilaali. Namni kamiyyuu hirmaannaa godhu qaba.

Yaadannoota Ijaarsa irraa

Fedhiilee Sirnaa:

Raabsoota Linux hedduutu jira, keessa darbee raabsa tokko keessatti dirqalaaleen ijaarsaa addaa addaa ((KDE vs Gnome, kkf.)) jiraachuu danda'u. Raabsoonni tokko tokko fooyya'aa OpenOffice.org biyya isaanii waliin dhufu. Yeroo tokko tokko Hawaasa OpenOffice.org fooyya'aa biyyaa walcina ijaaruu dandeessa. Haa ta'u malee, yeroo hedduu fooyya'aa Hawaasaa ijaaruun dura fooyya'aa biyyaa balleessuun gaariidha. Baldhintaa waa'ee kana hojjachuutiif galmeessa raabsa kee mari'achiisi

Mosajjii ijaaruun ykn balleessuun dura dilbii sirna keetii yeroo baay'ee akka fudhattu gorfamta

Walsimadhaba Kuusdeetaa Dheertoo

Barbarri kuusdeetaa Berkeley fooyya'aa OpenOffice.org kana keessatti haaromsameera. Haaromsi barbara kuusdeetaa \t\twalsimadhaba deetaa fayyadamaa dheertoowwan ijaaraman kan fooyya'oota OpenOffice.org 3.2 duraa \t\tyoo ati fooyya'aa OpenOffice.org kee gadbuuste gocha kee gaafattan fida.

Fooyya'aan OpenOffice.org kun yammuu dheertoowwan ijaaraman ykn haqaman kuusdeetaa dheertoo kee dhangii kuusdeetaa Berkeley \t\thaaraatti geeddara. Geeddariinsa kana booda, kuusdeetaan kun \t\tfooyya'oota OpenOffice.org darbaniin hin dubbifamu. Fooyya'aa duraaniitti gaddeebisuun ijaarsa faayidaadhabeessa fiduu danda'a.

Fooyya'aa OpenOffice.org duraaniitti kan gaddeebiftu yoo tahe, galeeloo deetaa \t\tfayyadamaa {user data}/uno_packages, fakkeenyaaf, ~/.openoffice.org/3/user/uno_packages, haqxee dheertoowwan mara lamijaaruu qabda.

Rakkoolee Yammuu Eegala Sagantaa

Rakkooleen eegalii OpenOffice.org (yeroo hedduu yammuu Gnome fayyadamtu) kan si muudatu taanaan, qola OpenOffice.org kaasuuf itti fayyadamtu keessatti jijjiiramaa qeeyyaa SESSION_MANAGER 'qindeessaleessi'. Kun kan godhamu jalqaba barreeffama qola sofiisii galeeloo "[office folder]/program" kessatti argamuu keessatti sarara "unset SESSION_MANAGER" dabaluudhaani.

Ulfeenyi OpenOffice.org kaasuu (fkn. fayyadamoonni rarra'uu) fi rakkooleen agarsiisaa ooftuu kaardii saxaatootiin dhufu. Rakkooleen kun kan mudatan taanaan, ooftuu kaardii saxaatoo kee haaromsi ykn ooftuu saxaatoo sirna dalagaa kee waliin laatame fayyadamuu yaali. Rakkooleen wantoota G3 agarsiisuu kan hiikamuu danda'an 'Meeshaalee - Dirqalaalee - OpenOffice.org - Mul'annoo - Mul'annoo G3' jalaa dirqalee "GLBani Fayyadami" kaka'umsaleessuudhaani.

Gabatee barreeffamaatiin OpenOffice.org 1.x fi OpenOffice.org 3.2 gidduutti garagalchuu fi maxxansuun dhangii openoffice.orgtiin hojjachuu dhiisuu akka danda'u hubadhu. Kuni taanaan, 'Gulaali - Maxxansa Addaa' filiitii dhangii OpenOffice.orgdhaan ala tahe filadhu ykn galmee OpenOffice.org 3.2 keessatti kallattiidhaan bani.

Sirna keerratti galeeloo ammaafii keessaa kuufannoo duwwaa gahaa akka qabduu fi mirgoonni gahiinsaa dubbisuu, barreessuu fi kaasuu akka siif laataman mirkaneeffadhu. Ijaarsa kaasuun dura sagantaalee biroo mara cufi.

Furtuulee Qaxxaamuraa

OpenOffice.org keessatti furtuuleen fayyaduumuu danda'aman furtuulee qaxxaamuraa (idaatiiwwan furtuu) sirna dalagaatiin hin fayydamne qofaadha. Idaatiin furtuu OpenOffice.org keessaa akka Gargaarsa OpenOffice.org keessatti ibsameetti kan hin hojjanne yoo tahe, qaxxaamurri sun sirna dalagaatiin akka fayyadamaa jiru mirkaneeffadhu. Walitti bu'iinsa akkanaa balleessuuf, furtuulee sirna dalagaa keetiin ramadaman jijjiiruu ni dandeessa. Yookiin ammoo, ramaddii furtuu OpenOffice.org keessaa kamiyyuu jijjiiruu ni dandeessa. Odeeffannoo dabalataa dhimma kanaafiif, Gargaarsa OpenOffice.org ykn galmee Gargaarsaa sirna dalagaa keetii ilaali.

Sababii waldhaba hujeeffannoota hedduu irratti jijjiirraa tooftaa naqaatiin, furtuuleen qaxxaamuraa armaan gadii jijjiiramuu barbaachisa:

Saamsuu Faayilii

Qindaa'ina durtii keessatti, faayilii iggiteessuun OpenOffice.org irratti banameera. Kana kaka'umsaleessuuf, jijjiiramoota qeeyyaa SAL_ENABLE_FILE_LOCKING=0 taasistee SAL_ENABLE_FILE_LOCKING alerguu qabda. Galfatoonni kanneen faayilii iskiriiptii soffice keessatti kanaan dura dandeessifamaniiru.

Ofeeggannoo: Amalli faayilii iggiteessuu kakaafame Solaris 2.5.1 fi 2.7 Linux NFS 2.0 waliin fayyadamu irratti rakkoo uumuu danda'a. Yoo qeeyyaan sirna kee ulaagaalee kana qabaate, amala faayilii iggiteessuu fayyadamuu akka dhiistu ciminaan si gorsina. Yoo hin taane, yammuu kompuutara Linux irratti faayilii galeeloo NFS fe'amee irraa banuuf yaaltu OpenOffice.org rarra'ee hafa.

Qabanoo barbachisaa gaheenya

Odeeffannoo amaloota gahiinsaa OpenOffice.org keessaatiif, saphaphuu kana ilaalihttp://www.openoffice.org/access/.

Galmeessa

Yammuu mosajjii ijaartu adeemsa Galmeessa Omishaa gadaantoo xumuruuf yeroo xiqqoo fudhu. Odeeffannoon galmeessaa haawaasni mosajjii kanarra fooyya'e akka hojjatee fedhii fayyadamaa akka guutu waan dandeessisuuf galmeessi dirqalee osoo tahee jiruuyyuu, ati akka galmooftu si jajjabeessina. Poolisii Matayyaa isaatiin, hawaasni OpenOffice.org deetaa dhuunfaa kee eeguuf ofeeggannoo barbaachisu kamiyyuu ni fudhata. Yammuu ijaarsaa galmeeffama yoo irra utaalte, yeroo barbaadde deebitee saphaphuu armaan gadii irratti galmaa'uu dandeessa.

Iyyaatii Fayyadamaa

Iyyaatiin Fayyadamaa karaarra jirus akka guuttu si jajjabeessina. Bu'aan Iyyaatii Fayyadamaa OpenOffice.org uuminsa guutarta ofiisii dhaloota-borii keessatti waaltinni haaraan innaa uumamu saffisaan akka deemu gargaara. Poolisii Matayyaa kana keessatti, hawaasni OpenOffice.org deetaa matayyaa kee eeguuf ofeeggannoo barbaachisu akamiyyuu ni fudhata.

Deeggarsa Fayyadamaa

Fuula deeggarsa duraasaaGuutarta ofiisii OpenOffice.org 3.2 gargaaruuf, gaafiiwwan tarree ergannoo 'users@openoffice.org' irratti deebii argatan argachuuf saphaphuu armaan gadii doow'adhu http://support.openoffice.org/Gargaarsa OpenOffice.orgtiif anjaawummaa hedduu kenna. Gaafiiwwan kee kanaan dura deebifamuu danda'u - Fooramii Hawaasaahttp://user.services.openoffice.orgykn tarree ergannoo 'users@openoffice.org' haddaarsaalee barbaadi http://www.openoffice.org/mail_list.html. Karaa Birootiin, gaafiiwwan kee kanatti erguu qabdausers@openoffice.org. Akkamitti tarreetti akka maamiloomtu fuula armaan gadiihttp://wiki.services.openoffice.org/wiki/Website/Content/help/mailinglists.

Dabalatees, kutaa FAQ saphaphuu armaan gadiirratti ilaaluu ni dandeessa http://wiki.services.openoffice.org/wiki/Documentation/FAQ.

Dogantoota & Dhimmoota Gabaasaa

Saphaphuun OpenOffice.org IssueZilla, mala keenya kan dogantoota fi dhimmoota ittiin gabaasnu, sakattaanu fi furmaata laannu of keessaa qaba. Fayyadamtoonni marti dhimmoota hujeeffannoo keessanirratti mul'atan akka gabaastan isin jajjabeessina. Gabaasni tattaafinaa gumaachota baay'ee barbaachisaa tahan keessaa isa tokko fi kan hawaasni fayyadamaa dagaagsaa fi fooyyiii guutarta adeemsarra jiruutti godhudha.

Irratti Hirmachuu

Hawaasni OpenOffice.org dagaagsa projektii madda banaa barbaachisaa kanarratti tattaaffiin hirmaachuu keetirraa bu'aa guddaa argata.

Akka fayyadamaa tokkootti, qaama adeemsa dagaagsa guutartichaa gati-qabeessa waan taateef ilaalcha hawaasichaaf gumaataa yeroo dheraa tahuutiin shoora dabalataa akka fudhattu si jajjabeessina. Mee fuula fayyadamaa armaan gadii walqunnamiitii dowwadhu: http://www.openoffice.org

Haala Eegalii

Gumachaa jalqabuff karran barredaa ta'ee tarree ergaa-e tokko yokkin issaa oll hangaa dandesuttii yallii akkasummas haddarsaa yerroo dhaa garraa yerrotii mattaduree innii agguggu wajjiin wallibarra dhuftaa kun jachuun OpenOffice.org burqaa lakkaddaa Filbanaa 2000 gadhiffamee.issiin yoo issinittii tollaa tattan erguu wantii hojjachuu barbaddaan hundu off ibssun akkasumaas iddoo sirrittii uttallun ergaa-e ergaa.projakkittii burqaa bannaa wajjiin wallibektuu yoo taattan tarree maall hojjadhuu illallii wanttii attii garrigaruu dandessuu ta'uu issaa assirrattii mirkanessii http://development.openoffice.org/todo.html.

Maamiloomi

Tarreewwan ergaa Piroojektii itti waliigaluu dandeessuu muraasni kunoohttp://www.openoffice.org/mail_list.html

Piroojektii tokko yk isaa ol quunnami

Muuxannoo saxaxa mosajjii ykn lakkaddeessuu murta'aa qabaattullee proojektii madda banaa barbaachisaa kanaaf gumaacha olaanaa laachuu ni dandeessa. Eeyyee, ati!

Asitti http://projects.openoffice.org/index.htmlprojektoota Biyyoomsuu, Poortiingii fi Giruupweerii kaasee hanga projektoota lakkaddeessuu killayyaa dhugee tokko tokkootti si mudatu. Dagaagsaa sagantaa yoo tahuu baatte, galmeessa ykn Projektii Gabaa ilaaluuf yaali. Projektiin Gabaa OpenOffice.org mosajjii madda banaa gabaatti teeknikota seedannoo haaraa fi aadaa lamaanuu fayyadamaa jira, dabalatees isa kana daangessoota afaanii fi adaa qaxxaamurree hojjachaa jirra, kanaaf waa'ee mosajjii kanaa taamsaasuudhaan fi hiriyoota keetti beeksisuun gargaarsa laachuu ni dandeessa.

Cimdaa Qunnamtii fi Odeeffannoo Gabaa ittaanutti makamuudhaan gargaarsa laachuu ni dandeessa:http://marketing.openoffice.org/contacts.html kun ammoo iddoo walqunnama fuullee maxxansa, miidiyaa, eejansiiwwan mootummaa, gorsitoota, manneen barumsaa, Gareewwan Fayyadamtoota Linuuksii fi dagaagsitoota biyya keetii fi hawaawa qe'ee waliin itti gootu dha.

OpenOffice.org 3.2 isa haaraadhaan fayyadamuudhaan akka itti gammaddee fi karaarra akka nutti makamtu abdii qabna.

Hawaasa OpenOffice.org

Lakkaddaa Maddaa Fayyadame / Fooyyeessame

Mirga Abbummaa 1998, 1999 Jeems Kilaark. Mirga Abbummaa 1996, 1998 Koorporeeshinii Komuunikeeshinii Neetiskeep